Passive Income jechuun Maali?

Easy passive income ideas for beginners
Introduction
Namoonni baay’een guyyaa guyyaan hojjetanii maatii isaanii jiraachisuuf carraaqu. Garuu rakkoon guddaan yeroo hojii dhaaban galiinis isaanii ni dhaabata. Jireenyi yeroo ammaa qaala’aa dhufaa waan jiruuf, galii tokko qofa irratti hirkachuun namoota hedduuf ulfaataa ta’aa jira. Passive income jechuun maali yeroo ammaa namoonni baay’een karaa galii dabalataa barbaadu.
Kana keessatti yeroo hedduu jechuun dhageessu keessaa tokko passive income dha. Namoonni hedduun waa’ee isaa dhaga’anis, akkamitti hojjetu ykn akkamitti irraa fayyadamuu akka danda’an sirriitti hin beekan
Kun maaliif barbaachisaa dha? Sababni isaa, yoo sirriitti hubatte, karaa galii dabalataa uumuu, rakkoo maallaqaa hir’isuufi yeroo dheeraa keessatti jireenya maallaqaa kee fooyyessuuf si gargaaruu danda’a.
Guide kana keessatti, passive income jechuun maali akkamitti hojjetu, faayidaa isaa maal akka ta’e, akkasumas karaalee salphaa itti jalqabuu dandeessu bara 2026 keessatti bal’inaan baratta. Yoo beginner taates illee, wanti hundi afaan salphaa fi hubachuuf mijatuun siif ibsama.
Passive Income Jechuun Maali? (Complete Guide 2026)
Passive income jechuun karaa hojii guyyaa guyyaan irratti hirmaachuu baay’ee malee galii yeroo yerootti argamu jechuudha. Hiikni isaa guutuun “hojii tokko yeroo hundaa hojjechuu malee maallaqa argachuu” jechuu miti. Garuu hojii jalqabaa tokko hojjechuun booda, yeroo dheeraaf irraa fayyadamuu danda’uu jechuudha.
Fakkeenyaaf, namni tokko video YouTube hojjetee yeroo dheeraaf irraa galii argachuu danda’a, kitaaba online barreessuun gurguruu danda’a, ykn website tokko irraa beeksisa (ads) fayyadamuun galii argachuu danda’a.
Kanaf passive income yeroo jalqabaatti hojii fi yeroo gaafachuu danda’a, garuu booda galii itti fufiinsa qabu argamsiisuu danda’a.
Namoonni hedduun passive income jechuun maali? Yeroo dhaga’an “maallaqa hojii malee salphaatti argachuu” jechuun yaadu. Garuu dhugaan isaa hojii jalqabaa, yeroo, barnoota ykn tarsiimoo sirrii barbaada. Kana jechuun hojii malee qabeenya ta’uu osoo hin taane, karaa smart ta’een galii dabalataa ijaaruu jechuudha. Read more.
Bara 2026 keessa, jireenyi qaala’aa dhufaa waan jiruuf, namoonni baay’een hojii isaanii cinaatti galii biraa qabaachuu barbaadu. Kanaafuu, passive income hubachuun yeroo ammaa caalaa barbaachisaa ta’eera.
Bara Ammaatti Passive Income Maaliif Barbaachisaa Dha

Bara ammaatti jireenyi qaala’aa dhufaa jira, hojii tokko qofa irratti hirkachuunis namoota hedduuf gahaa ta’uu dhiisaa jira. Gatiin nyaataa, geejjibaa, mana jireenyaa fi baasii guyyaa guyyaa dabalaa waan jiruuf, galii dabalataa qabaachuun barbaachisaa ta’aa jira. Kanaafuu, passive income hubachuun yeroo ammaa caalaa murteessaa ta’eera.
Sababni isaa, yeroo rakkoon hojii mudatu ykn galiin kee hir’atu, madda galii biraa qabaachuun si gargaaruu danda’a. Namoonni hedduun yeroo hojii isaanii cinaatti galii dabalataa uumuu jalqaban, dhiibbaa maallaqaa xiqqeessuu fi egeree isaanii fooyyessuu danda’aniiru. Kun immoo nageenya maallaqaa (financial security) keessatti gahee guddaa qaba.
Faayidaan isaa maallaqa qofa miti. Passive income yeroo dheeraa keessatti bilisummaa maallaqaa irratti si gargaara. Fakkeenyaaf, yeroo ati hojii tokko qofaan dhiphattu, galii dabalataa qabaachuun karoora kee akka qusannaa, investment ykn hojii dhuunfaa jalqabuu keessatti si deeggaruu danda’a.
Fuulduratti illee carraan isaa guddaadha. Addunyaan digital ta’aa dhufaa waan jiruuf, namoonni website, YouTube, affiliate marketing, investing fi online business irraa galii argatan dabalaa jiru. Kanaafuu, yeroo amma irraa waa’ee passive income jechuun maali hubachuun fi barachuun murtoo gaarii keessaa tokko ta’uu danda’a.
Wantoota Ijoo Waa’ee Passive Income Beekuu Qabdu (Key Points)
- Passive income jalqaba irratti hojii barbaada: Namoonni hedduun passive income jechuun hojii malee maallaqa argachuu jechuun yaadu. Garuu dhugaan isaa, yeroo jalqabaatti hojii, yeroo fi barnoota muraasa gaafata. Fakkeenyaaf, website ijaaruu, YouTube jalqabuu ykn investment gochuun jalqaba irratti hojii barbaada.
- Galii dabalataa uumuu keessatti gargaara: Passive income hojii kee bakka guutuu fudhata jechuu miti; garuu galii biraa akka qabaattu si gargaara. Kun yeroo baasii dabalu ykn rakkoo maallaqaa mudatu baay’ee faayidaa qaba.
- Yeroo dheeraa keessatti bu’aa qabaachuu danda’a: Yoo sirnaan hojjetame, passive income yeroo dheeraa keessatti madda galii cimaa ta’uu danda’a. Namoonni hedduun blogging, affiliate marketing, investing fi hojii online irraa bu’aa argataa jiru.
- Risk fi carraa isaa hubachuun barbaachisaa dha: Karaan passive income hundi saffisaan bu’aa fida jechuu miti. Kanneen tokko tokko yeroo fudhatu, kaan immoo risk qabaachuu danda’u. Kanaafuu, qorannoo fi barnoota sirrii qabaachuun barbaachisaa dha.
- Egeree maallaqaa fooyyessuuf si gargaaruu danda’a: Passive income sirnaan yoo ijaaramte, qusannaa guddisuu, investment jalqabuu fi bilisummaa maallaqaa irratti tarkaanfii guddaa akka fudhattu si gargaaruu danda’a.
Passive Income Akkamitti Hojiitti Jijjiirra (Step-by-Step Guide)

Passive income jalqabuun yeroo tokko keessatti qabeenya ta’uu jechuu miti. Garuu tarkaanfii sirrii hordofuun, yeroo dheeraa keessatti madda galii dabalataa ijaaruu dandeessa. Mee step-by-step haa ilaallu:
Step 1: Kaayyoo Kee Murteessi
Jalqaba irratti, maaliif passive income jalqabuu akka barbaaddu of gaafadhu. Galii dabalataa barbaaddaa? Qusannaa guddisuu barbaaddaa? Moo bilisummaa maallaqaa argachuu barbaaddaa? Kaayyoo ifa qabaachuun murtoo sirrii fudhachuuf si gargaara.
Step 2: Karaa Siif Mijatu Filadhu
Passive income karaa hedduu qaba. Fakkeenyaaf:
- Blogging
- YouTube
- Affiliate marketing
- Investing
- Digital products gurguruu
Kaneen keessaa yeroo kee, dandeettii kee fi budget kee waliin kan deemu filachuun barbaachisaa dha.
Step 3:Barnoota fi Qorannoo Godhi
Namoonni hedduun saffisaan bu’aa argachuu barbaadanii dogoggora keessa galu. Garuu jalqaba irratti waa’ee karaa filatte sana barachuun murteessaa dha. Video ilaali, article dubbisi, muuxannoo namoota biroo irraa baradhu.
Step 4:Xiqqoo irraa Jalqabi
Maallaqa guddaa qabaachuu hin barbaachisu. Xiqqoo irraa jalqabuu dandeessa. Fakkeenyaaf, blog tokko bilisaan jalqabuu ykn content online uumuu dandeessa. Wantoonni guguddaan baay’een kan jalqaban xixiqqoo irraa ture.
Step 5: Obsa Qabaadhu fi Itti Fufi
Passive income yeroo tokko keessatti bu’aa guddaa siif hin fidu. Yeroo, hojii fi obsa barbaada. Garuu yoo itti fuftu fi sirnaan hojjette, yeroo dheeraa keessatti bu’aa gaarii argachuu dandeessa.
Passive Income Tools Fi Meeshaalee Si Gargaaran

Passive income irratti hojjechuu keessatti, meeshaalee sirrii fayyadamuun hojii kee baay’ee siif salphisa. Namoonni hojii online irratti milkaa’an hedduun sababni isaanii tools sirrii waan fayyadamaniif yeroo isaanii hin qisaasan.
Kanaaf meeshaalee si gargaaran muraasa salphaatti haa ilaallu.
Website fi Blogging Tools
Yoo blog ykn website jalqabde, meeshaaleen kun si gargaaru:
- WordPress: Kun akka mana hojii online keetiitti ilaalama. Wanti blog irratti hojjetu hundi ittiin gaggeeffama.
- Blogger: Yoo jalqaba irratti maallaqa baasuu hin barbaadne, bilisaan ittiin jalqabuu dandeessa.
- Google Search Console: Namoonni blog kee akkamitti akka argatan si agarsiisa.
- Google Analytics: Nama meeqa si dubbisaa jiru, akkamitti akka itti fayyadaman si hubachiisa.
👉 Meeshaaleen kun website kee akka sirnaan hojjatu si gargaara.
Content Uumuuf (Content Creation Tools)
Passive income keessatti content gaariin baay’ee barbaachisaa dha. Kanaaf:
- Canva: Design salphaa uumuuf (thumbnail, post, banner).
- CapCut: Video sirreessuuf baay’ee salphaa fi nama hundaaf mijataa dha.
- Grammarly: Barruu kee sirreessa, dogoggora xixiqqoo balleessa.
- ChatGPT: Yaada siif kennu, blog qopheessu, script siif barreessu.
👉 Garuu yaadadhu, yaada ofii kee itti dabaluun baay’ee barbaachisaa dha.
YouTube Tools
YouTube irratti passive income ijaaruu yoo barbaadde, meeshaaleen kun si gargaaru:
- YouTube Studio: Channel kee bulchuu fi xiinxaluu ittiin dandeessa.
- TubeBuddy: Video kee akka namni baay’een argu si gargaara.
- VidIQ: Keyword fi yaada video gaarii siif agarsiisa.
- Canva: Thumbnail bareedaa uumuuf si gargaara.
👉 YouTube keessatti “Title fi Thumbnail” gaarii yoo qabaatte, daawwattoota hedduu argachuu dandeessa.
Affiliate Marketing Tools
Affiliate marketing jechuun, oomisha namoota biroo beeksistee galii argachuu dha:
- Amazon Associates: Oomisha gurguruu jalqabuu dandeessa.
- ShareASale / Impact: Company hedduu waliin hojjechuu dandeessa.
- Bitly: Link kee gabaabsuu fi namni meeqa akka cuqaase beekuu.
- Google Sheets: Galii kee fi hojii kee ittiin hordofatta.
👉 Kun hojii yeroo jalqabaatti xiqqoo fakkaatu, garuu yeroo dheeraa keessatti baay’ee bu’aa qaba.
Investing fi Maallaqa Bulchuu (Finance Tools)
Yoo investing irratti hojjechuu barbaadde:
- Binance: Crypto barachuu fi daldaluu jalqabuuf.
- TradingView: Gabaalee maallaqaa ilaaluu fi xiinxaluuf.
- Google Sheets: Maallaqa kee sirnaan to’achuuf.
- Yahoo Finance: Odeeffannoo gabaa yeroo ammaa argachuuf.
⚠️ Investing jalqabuun dura barnoota sirrii qabaachuun baay’ee barbaachisaa dha.
Barnootaaf (Learning Resources)
Passive income keessatti barachuun yeroo hunda itti fufuu qaba:
- YouTube: YouTube irratti videos fi tutorials hedduu ilaali
- Coursera: Course gatii qabu fi addunyaa irratti beekamu
- Udemy: Skill addaa addaa salphatti barachuu dandeessa
- Medium: Muuxannoo namoota iro dubbisuuf gaarii dha
💡 Yaadachiisa Murteessaa: Tools qofa fayyadamuun hin ga’u. Milkaa’inni dhugaa kan dhufu yeroo: 👉 barnoota + hojii + obsa + itti fufiinsa walitti fiddu
Passive Income irratti Milkaa’uuf Gorsa (Pro Tips 2026)

Passive income, keessatti milkaa’uun hojii tokko jalqabuu qofa miti, garuu itti fufiinsa fi karaan itti hojjetamu murteessaadha. Yoo sirnaan hojjette, suuta suuta galii tasaa ijaaruu dandeessa.
Tokko irratti xiyyeeffadhu (Focus)
Yeroo tokkotti karaalee hedduu hin jalqabin. Fakkeenyaaf, yoo blog jalqabde, jalqaba irratti blog irratti jabaan hojjedhu. Kana booda YouTube ykn affiliate marketing itti dabali. Namoonni hedduun waan hedduu jalqabanii hin fixan, kanaaf bu’aa hin argatan.
Barnoota itti fufi (Keep Learning)
Addunyaa online keessatti wanti har’a hojjetu bor jijjiiramuu danda’a. Kanaaf yeroo hunda video ilaali, article dubbisi, fi muuxannoo namoota biroo irraa baradhu. Namni baratu hin hafu.
Obsa qabaadhu fi itti fufi (Be Patient & Consistent)
Passive income yeroo keessatti ijaaramu malee bu’aa battalaa hin kennu. Ji’oota muraasa keessatti bu’aa guddaa hin argattu. Garuu yoo guyyaa guyyaan xiqqoo hojjechaa deemde, yeroo booda bu’aa guddaa argatta.
Dogoggora irraa baradhu (Learn from mistakes)
Jalqaba irratti dogoggorri ni jiraata. Kun garuu kufaatii miti, barnoota dha. Namoonni milkaa’an hundi dogoggora hedduu keessa darban.
Itti fufiinsa qabaadhu (Consistency wins)
Guyyaa tokko hojii guddaa hojjechuu osoo hin taane, guyyaa guyyaan xiqqoo hojjechuun baay’ee murteessaadha. Kun si gara milkaa’inaatti si geessa.
Passive Income: Real Life Examples (Jireenya Dhugaa Irraa)

Waa’ee hojii kanaa sirriitti hubachuuf, fakkeenya jireenya dhugaa (real-life examples) ilaaluun baay’ee si gargaara. Kun akka wanti kun hojii irratti akkamitti hojjetamu siif ifa godha.
Fakkeenya 1:Ani Akkamitti Blog Irraa Passive Income Jalqabe
Ani duraan hojii guyyaa guyyaa irratti hojjedhaa ture. Guyyaa guutuu hojii irratti dabarsaa ture, garuu galiin koo yeroo baay’ee jireenya koo guutuuf hin ga’u ture. Kun yeroo baay’ee na dhiphisa ture.
Guyyaa tokko, internet irratti yeroo dabarsaa jiruu waa’ee “passive income” jedhu dhaga’e. Jalqaba irratti naaf hin galle hojii malee maallaqa argachuun akkamitti danda’ama?” jedhee of gaafadhe.
Garuu xiqqoo erga ilaalee booda, blog jalqabuu murteesse.
Jalqaba irratti WordPress irratti blog koo bane. Garuu wanti hundi naaf haaraa ture:
- Akkaataa article barreessuu hin beeku
- SEO jechuun maal akka ta’e hin hubadhu
- Namni blog koo akkamitti akka argu hin beeku
Guyyaa baay’ee barnoota irratti dabarsaa ture. Video ilaala, article dubbisa, yeroo tokko tokko immoo dogoggora hedduu hojjedha ture. Jalqaba irratti blog koo irratti namni arguu hin jiru ture yeroo tokko tokko illee daawwattoonni 0 ta’a ture.
Yeroo booda garuu hin dhiifne. Guyyaa guyyaan article xiqqoo xiqqoo barreessaa deeme.
SEO barachuu jalqabe, keywords fayyadamuu eegale. Suuta suuta blog koo Google irratti mul’achuu jalqabe.
Namoonni tokko tokko article koo dubbisuu jalqaban. Kun naaf waan guddaa ture namni dhugumaan na dubbisaa jira jechuu itti dhagahame.
Ji’oota muraasa booda Google AdSense irratti galmeesse. Yeroo jalqabaatiif, maallaqa xiqqoo blog koo irraa argadhe. Maallaqni sun baay’ee guddaa hin fakkaanne, garuu anaaf waan guddaa ture. Sababni isaa: 👉 hojii tokko jalqabee hojjedhe, amma immoo irraa galii argachaa jira.
🟢 Amma maal irra jira?
- Blog koo irratti yeroo hunda hin hojjadhu
- Garuu article duraan barreesse irraa yeroo hunda traffic argadha
- Ads fi affiliate irraa galii suuta suuta dhufu qaba
- Kun anaaf akka passive income dhugaa ta’eetti hojjeteera.
💡 Waan ani irraa baradhe:
- Jalqaba irratti bu’aa hin argattu
- Barnoota fi hojii si barbaachisa
- Obsa qabaachuun murteessaadha
- Itti fufiinsi yoo jiraate, yeroo booda hojii kee siif hojjetaa deema
👉 Kana irraa ani hubadhe: passive income hojii salphaa miti, garuu yoo sirnaan hojjetame jireenya nama tokko guutummaatti jijjiiruu danda’a.
🎥 Fakkeenya 2: YouTuber jalqaba xiqqoo irraa ka’e
Dargaggeessi tokko video xiqqoo mobile isaa fayyadamee YouTube irratti olkaa’a ture. Jalqaba irratti daawwattoonni baay’ee xiqqoo turan, yeroo tokko tokko immoo homaa hin turre.
Garuu inni hin dhaabne. Yeroo itti fufee video baay’ee hojjechuu jalqabe, akkasumas title fi thumbnail isaa fooyyessuu eegale.
Yeroo booda channel isaa guddachuu jalqabe. Daawwattoonni dabalaa deeman, ads irraa immoo galii argachuu jalqabe.
💰 Fakkeenya 3: Affiliate Marketing fayyadame
Nama tokko social media irratti oomisha beeksisuu jalqabe. Link affiliate fayyadamee, namoonni yeroo oomisha sana bitatan komishinii argata.
Jalqaba irratti galiin isaa xiqqoo ture. Garuu yeroo booda audience isaa guddachaa deeme, akkasumas namoonni hedduun link isaa fayyadamuu jalqaban.
Fakkeenya 4: Investing suuta suuta guddatu
Nama tokko maallaqa xiqqoo irraa investing jalqabe. Jalqaba irratti bu’aa guddaa hin arganne, garuu inni itti fufee barnoota ittiin dabalu jalqabe.
Yeroo waliin sirnaan invest gochuu baratee deeme. Suuta suuta bu’aan isaa dabalaa deeme, yeroo dheeraa booda immoo galii tasaa irraa argachuu jalqabe.
Passive Income: Keessatti Dogoggora Yeroo Baay’ee Raawwataman

Namoonni passive income jalqaban yeroo baay’ee dogoggora wal fakkaataa hojjetu. Dogoggorri kun hojii isaanii boodatti harkisa ykn yeroo isaanii qisaasa. Garuu yoo beekne, salphaatti irraa barachuun ni danda’ama.
Mistake 1: Saffisaan maallaqa guddaa eeguu
Furmaata: Obsa qabaadhu, suuta suuta jalqabi
- Namoonni baay’een passive income jalqabanii battalumatti maallaqa guddaa argachuu barbaadu. Kun garuu hin dhufu. Passive income yeroo fudhata.
Mistake 2: Karaa hedduu yeroo tokkotti jalqabuu
Furmaata: Karaa tokko irratti xiyyeeffadhu
- Namoonni tokko tokko blog, YouTube, affiliate marketing fi investing yeroo tokkotti jalqabu. Garuu kun isaan ni dadhabsiisa.
Mistake 3: Barnoota malee hojii jalqabuu
Furmaata: Dursee baradhu, sana booda hojjedhu
- Namoonni hedduun osoo hin baratin hojii jalqabu. Kun yeroo baay’ee dogoggora fi qisaasa maallaqaa fida.
Mistake 4: Itti fufiinsa dhabuu
Furmaata: Guyyaa guyyaan xiqqoo hojjedhu
- Namoonni baay’een jalqaba irratti hojii jalqabu, garuu bu’aa dafanii hin argineef ni dhiisu.
👉 Furmaata isaa: guyyaa guyyaan xiqqoo illee hojjedhu. Itti fufiinsi yeroo dheeraa keessatti bu’aa guddaa fida.
Mistake 5: Qorannoo malee maallaqa invest gochuu
👉 Furmaata: Dursee qorannoo fi barnoota godhi
- Yoo investing jalqabde, namoonni hedduun osoo hin barin maallaqa isaanii balaa keessa galchu.
👉 Furmaata isaa: dursee waan sana sirriitti hubadhu, erga baratte booda qofa invest godhi.
Pro Tips (Passive Income irratti Milkaa’uuf Gorsa Murteessoo)

Passive income irratti milkaa’uun hojii salphaa miti, garuu yoo mala sirrii fayyadame, suuta suuta galii tasaa ijaaruu dandeessa. Gorsaalee armaan gadii hojii irra yoo oolte, bu’aa kee ni fooyyessa.
🎯 Karaa passive income tokko irratti xiyyeeffadhu
Blogging, YouTube ykn affiliate marketing keessaa tokko filadhu. Waan hedduu yeroo tokkotti jalqabuun si tarsaasa, garuu tokko irratti jabaan hojjechuun bu’aa saffisa.
⏳ Passive income keessatti itti fufiinsa qabaadhu
Jalqaba irratti bu’aa guddaa hin argattu. Garuu guyyaa guyyaan xiqqoo hojjechuun yeroo booda galii tasaa siif uuma.
📊 Hojii kee xiinxali (track and improve)
Maal siif hojjeta, maal hin hojjanne adda baasi. Fakkeenyaaf blog kee keessaa article kamtu traffic fiduu akka danda’u ilaali.
📚 Barnoota hin dhaabin (learn continuously)
SEO, content creation, investing fi digital skills yeroo hunda barachuun si guddisa passive income addunyaa saffisaan jijjiiramu keessatti barnoonni murteessaadha.
🔁 Yeroo hunda fooyyessi (continuous improvement)
Wanti jalqaba hojjetteen hin dhaabatin. Blog kee, video kee ykn investment kee yeroo hunda fooyyessuun bu’aa dabala.
Passive Income FAQ (Gaaffii fi Deebii Yeroo Baay’ee Gaafataman)
Passive income irratti yeroo jalqabnu, gaaffii hedduutu nama keessatti ka’a. Kanaaf, gaaffii yeroo baay’ee gaafataman fi deebii isaanii salphaatti haa ilaallu.
Q1: Passive income jechuun maal jechuudha?
A: Passive income jechuun hojii yeroo tokko ykn xiqqoo hojjetee booda, yeroo dheeraa keessatti irraa galii argachuu dha. Fakkeenyaaf blog, YouTube, affiliate marketing ykn investing irraa galii dhufu.
Q2: Passive income jalqabuuf maallaqa guddaa barbaachisaa?
A: Lakki, yeroo baay’ee hin barbaachisu. Fakkeenyaaf blog bilisaan jalqabuu dandeessa ykn YouTube mobile qofaan jalqabuu dandeessa. Garuu yeroo fi carraaqqii si barbaachisa.
Q3: Passive income saffisaan maallaqa fidaa?
A: Hin fida. Passive income yeroo fudhata. Jalqaba irratti hojii baay’ee si barbaachisa, booda garuu suuta suuta galii itti fufaa argatta.
Q4: Karaan passive income baay’ee salphaan maali?
A: Karaa salphaan keessaa:
- Blogging
- YouTube
- Affiliate marketing
- Digital products
Garuu salphaa jechuun hojii hin barbaachisu jechuu miti — barnoota fi itti fufiinsa barbaachisa.
Q5: Passive income irratti milkaa’uuf maalif barbaachisa?
A: Milkaa’inaaf wantoonni ijoo:
- Barnoota fi qorannoo
- Obsa qabaachuu
- Itti fufiinsa hojii
- Karaa tokko irratti xiyyeeffachuu
👉 Kun hundi walitti yoo dhufe, yeroo keessatti passive income ijaaruu dandeessa.
Passive Income irratti Xumura fi Xiinxala Guddaa
Passive income jechuun karaa hojii tokko jalqabdee booda yeroo dheeraa keessatti irraa galii argachuudha. Kun akka hubatame, jalqaba irratti hojii, barnoota fi obsa guddaa barbaada. Garuu yeroo itti fufte, suuta suuta galii tasaa siif uuma.
Barreeffama kana keessatti wantoonni ijoo argaa turre:
- Passive income yeroo keessatti ijaaramu
- Karaa hedduu (blogging, YouTube, affiliate marketing, investing) fayyadamuun ni danda’ama
- Dogoggorri yeroo jalqabaatti hojjetamu salphaatti sirreeffamuu danda’a
- Itti fufiinsi fi barnoonni milkaa’ina keessatti murteessaadha
👉 Gabaabumatti, passive income hojii salphaa yeroo battalaa miti, garuu yoo sirnaan hojjetame jireenya kee guutummaatti jijjiiruu danda’a galii dabalataa, yeroo bilisummaa, fi tasgabbii maallaqaa siif kenna.
Call to Action (Nu Waliin Turti Taasisa)
Barreeffama kana dubbisanii xumuruun tarkaanfii jalqabaati. Garuu milkaa’inni kan mirkanaa’u yoo hojii irra oolchiteedha. Hirmaannaa kee agarsiisuuf tarkaanfiiwwan armaan gadii fudhadhu:
💬 Yaada kee nuu qoodi (Comment)
Yaada kee, gaaffii kee ykn muuxannoo kee comment keessatti nu waliin qoodi.
- Wanti siif hin galle jiraa?
- Mala passive income isa kamtu sitti tole?
- Yaada kee barreessuun dubbistoota biroos ni barsiisa.
📤 Namoota Biroof (Share) godhii
📚 Barreeffamoota Biroo Dubbisi (Read More Articles)
Passive Income Guide PDF

Author: Mohammed Abdella | Michustar.com.
Mohammed Abdella is the founder of Michustar.com and a Digital Strategist, a person passionate about economic issues. His main goal is to teach in-depth financial knowledge, demonstrating how anyone can build from a small amount of money into additional income and strong ‘passive income’.
Mohammed believes that in 2026, digital services, simple investments, and internet skills will be key to creating life-changing opportunities. His articles focus on up-to-date information, integrated strategies, and internet work opportunities that anyone can implement. By showing how simple work can transform into significant profit, he inspires youth towards economic freedom and self-creation opportunities.

Yooyyaa thanks 😊
Baay’ee Gaafatamii
Waa’ee Passive Income afaan dhalootaan bifa kanaan gadi fageenyaan barreeffamee arguu koo baay’ee natti tole. Keessattuu dogoggoroota namoonni jalqaba irratti hojjetan warra ati tarreessite sana arguun koo, naafis ta’ee namoota haaraa dhimma kana keessa seenaniif barnoota guddaa dha. Saffisni weebsaayitichaa fi bifa barruu keetiis baay’ee namatti tola.
Ani dhuunfaan koo fakkiiwwan Canva irratti hojjedhee Etsy irratti gurguruu yaaleen ture, ka’umsa guddaa naaf ta’ee jira. Marsariitii kee kanarratti ibsa bal’aa akkasii argachuun koo baay’ee na gammachiiseera. Dubbistootaaf gorsa dhugaa fi salphaa ta’e dhiyeessiteetta, itti fufi!
Hubannoo gaarii dha! Barruun kun waan haaraa baay’ee na barsiise. Hojii gaarii hojjetteette abbaa marsariitii, kana galatoomi!